Jobs

Aangawaan olaanaa Iraan Israa’el ajjeesuuf dhaadattu, Ayaatolaah Ali Kameenii, eenyu?

Ayatolaah Alii Kameenii gaggeessaa hafuuraa [amantaa] Iraan yoo ta’an, biyyattii keessatti aangoo hundaa ol ta’e qabu.(000)

Biyyattii keessatti dhimmoota mootummaa ilaallatan hundarratti murtee dhumaa namni kennu Ayatolaah Alii Kameeniidha.

Dursaan amantaa umuriin isaanii waggaa 85 ta’e kun abbaafi hundeessaa Rippablika Iraan Ayaatolaah Ruhollaa Komeenii du’uu hordofee ture bara 1989 kan gara hogganaa olaanaa ta’an.

Yeroo sanarraa kaasee, siyaasa Iraaniifi humnoota hidhatan irratti olaantummaa qabachuun sirna bulchiinsaafi aangoo biyyattii kamiiniyyu ol ta’anii jiraatu.

Ayatolaah Kameenii waldhabdee Ameerikaa waliin deemaa jiru dabalatee dhimmoota alaa irrattis yeroo hunda ejjennoo cimaa fudhachaa tureera.

Skip Baay’ee kan dubbifame and continue reading

Baay’ee kan dubbifame

End of Baay’ee kan dubbifame

Bara 1939 magaalaa kaaba bahaa Mashhaad keessatti kan dhalate, ilma hayyuu amantii kan ta’e Alii Kameenii, gara magaalaa qulqulluu Shi’aa Qoom osoo hin deemin dura magaalaa dhaloota isaatti seminaarii keessatti barate.

Bara 1962 sochii mormitoota amantii Ayaatolaah Komeenii Shah Mohammad Reezaa Pahlavii irratti hirmaate.

Dargaggummaasaatti Alii Kameenii duuka buutuu Komeenii of kenne ta’e. Akka seenaa dhuunfaa isaatti wanti inni har’a hojjeteefi amanu hundi mul’ata Komeenii Islaamummaa irraa kan maddedha.

Alii Kameenii mormii shaah irratti gaggeeffamerratti dammaqinaan kan hirmaate yoo ta’u, yeroo hedduus hidhameera.

Bara 1979 Warraaqsa Islaamaa booda Alii Khaameeniin Mana Maree Warraaqsaa mootummaa yeroo waliin bulchaa ture keessatti tajaajilaa ture.

Itti aansuunis itti aanaa ministeera ittisaa ta’uun dhaabbilee humna guddaa qaban Iraan keessaa tokko ta’e Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) qindeessuuf gargaareera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button